Sagantaan Ashaaraa magariisaa bosonni ture akka cimu gargaare

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa Mootummaan hawaasa hirmaachisuun raawwataa jiru bosonni ture akka cimu gargaare jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.Mootummaan hojii eegumsa naannoo fi misooma bosonaa naannawaa hundatti hawaasa hirmaachisuun gaggeessaa jiru bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jiraachuu ibse tajaajilichi.Keessattuu hawaasni duudhaa qabuun qabeenya uumamaa hojii ashaaraa magariisaan caalmaatti akka kunuunsu hojiin hojjetame bu’aa olaanaa argamsiisuu hime.Kunis lubbu qabeeyyiin irra deebiin akka dandamatuu fi naannawaa hawwata Turistii akka ta’u carraa uumuu kaase.Naannoo Giddugaleessa Ityoophiyaa Godina Guraagee Aanaa Ezyaatti kan argamu Bosonni Qaxar Gadraa hambaa hawaasni qabeenya uumamaa kunuunsee dhaloota dhufuuf dabarse ta’uu ibseera.Bosonni lafa hektaara 350 uwwisee argamu kun umrii waggaa 700 ol lakkoofsise yoo ta’u, hawaasni sirna Guurdaan kunuunsee kan asiin gaheedha.Bosona gosoota biqiltoota garaagaraa fi simbiroota adda addaa of keessatti hammatee argamuudha.Haaluma kanaan waggoottan darban keessa hojiin ashaaraa magariisaan hojjetaman bosonni ture caalmaatti akka yabbatu qooda olaanaa baheera jedhe tajaajilichi.#Oromia #Ethiopia