Finfinnee. Sadaasa 9, 2018(FMC) – Dhibeen vaayirasii Maarbargi (Marburg Virus Disease) dhibee dhiiga dhangalaasuu, qaama ho’isuu fi bifa weeraraan uumamu yoo ta’u, namaa fi beelladoota biroo qabuu kan danda’uu dha.Mallattooleen dhibichaa vaayirasichaan erga saaxilamanii guyyoota 2-9 gidduutti kan mul’atan yoo ta’u, Afaan, funyaanii fi gogaa jalli dhiiguu, Ho’a qaamaa guddaa, dhaamochuu fi dhukkuubbii mataa, Dhukkubbii maashaa fi dugdaa, Dhukkubbii garaa, ol ol jechisiisuu(loccisiisuu) fi garaa kaasaa, Qoma, garaa fi dugda irratti hooqxoo guguddaan mul’achuu ,Karaalee Daddarbaa Dhiiga, fincaan, imimmaan fi dhangala’oo biroo dhukkubsataa kallattiin tuttuquu, Meeshaalee dhangala’aa nama dhibichaan du’e keessaa bahuun faalaman tuquu(lilimoo, uffata,meeshaalee biroo, ) Sinbirroota halkanii dhibichaan qabaman irraas namatti darbuu danda’a.Maloota Ittisa Dhibee kanaa Mallattooleen asiin olitti eeraman yoo mul’atan gara mana yaalaa deemuu, Nama dhibichaan qabame waliin wal tuttuquun yoo uumame fi ho’I qaamaa yoo jiraate dafanii gara mana yaalaa deemuu, Reeffa nama dhukkubichaan du’ee oggeessaan qopheessuu fi owwaaluu, sirnoota owwaalchaa hinbarbaachifne irraa of eeguu, meeshaalee tuttuqaman dhabamsiisuu, Dhiigaa fi dhangala’oo nama dhibichaan qabamee irraa of eeguu, Nama dhukkubsateef deggersi yoo goodhamu malleen ittisaatti fayyadamuu, jechuunis, afaaanii fi funyaan golgachuu, golgaa harkaa fayyadamuu, Harka saanitaayizeraan ykn saamunaa harkaa fi bishaaniin sirnaan dhiqachuu akka barbaachisu odeeffannoon Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia