Finfinnee, Sadaasa 10, 2018 (FMC)- Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaa Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.xumura fooramii kanarratti hojiiwwan hojjetamaniin magaaloonni 1ffaa-3ffaa bahaan badhaasa waancaa fi kanneen biroo fudhataniiru.Gareewwan magaalootaa qoodaman keessaa garee tokkoffaarraa Adaamaa tokkoffaa, Bishooftuun lammaffaa fi Hawaasaan sadaffaa bahuun xumuraniiru.Garee lammaffaarraa magaalaan Jimmaa 1ffaa kan bahe yoo ta’uu, Garee sadaffaarraa immoo Magaalaan Buttaajiraa 1ffaa baateetti.Magaalaan Shaggar badhaafamaa addaa ta’ee waancaa fudhateera.Fooramii magaaloota Itiyoophiyaa 11ffaan magaalaan Asoosaa kan qopheessitu ta’uun ibsameera.Qopheessituun fooramichaa magaalaan Samaraa loogiyaaas loogoo qopheessummaa fudhateetti.Sirna cufinsaa irratti Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misooomaa Aadde Caaltuu Saanii fi qondaaltoonni olaanoo biroon argamaniiru.Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.