Finfinnee, Sadaasa 13, 2018 (FMC ) – Koorporeeshinii Geejjiba Baaburaa Itiyoophiyaa Bishooftuutti Akkaadaamii Baaburaa Ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera.Saganticharratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Koorporeeshinii Geejjiba Baaburaa Injiinar Hilinaa Balaachoo fi Hoggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.Dooktar Alamuu Simeen, wayita kana haasawaa taasisaniin, ministeerichi bu’uuraalee misoomaa baaburaa naannoolee walitti hidhuun fedhii loojistiksii saffisisuuf hojjetamaa jira jedhan.Dhagaan Bu’uuraa guyyaa har’aa kaa’amees ogeeyyii akkaadaamii baaburaa alaa galan hir’isuun, Itiyoophiyaan naannawichatti giddugala akka taatuuf kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.Injiina Hilinaan gamasaaniin, akkadaamichi geejjiba baaburaa Afrikaa beekumsaan deeggaruuf gahee isaa kan bahatu ta’uu eeruun, akkaadaamichi mana baruumsa dhalootaa qofa osoo hin taane Badhaadhina Itiyoophiyaaf bu’uuraa jedhan.Fiqirtaa Kabbadaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.