Finfinnee, Sadaasa 13, 2018 (FMC) – Maree Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa milkeessuuf gaheen dubartootaa, dargaggootaa fi qaama midhamtootaa olaanaa jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Maree Biyyaalessaa Masfiin Ar’ayaa.Rakkoolee Itioophiyaa qoraa turanii fi qoraa jiran bu’uurarraa furuuf mariin biyyaalessaa hirmaachisaa fi hammataa ta’e gaggeessuun murteessadhaKomishiiniin marii biyyaalessaas kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin marii gaggeessaa tureera.Guyyaa har’aas bakka bu’oota dubartootaa, dargaggootaa fi qaama midhamtootaa Naannoo Oromiyaaf leenji hubannoo uumuu kennaa jira.Waltajjii hubannoo uumuu kanarratti ergaa kan dabarsan Komishinarri Komishinichaa Pirofeesar Masfin Ar’ayaan, maree biyyaaleessaa Itiyoophiyaa milkeessuuf gaheen dubartootaa, dargaggootaa fi qaama midhamtootaa olaanaadha jedhan.Komishinichi hanga ammaatti kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin walitti fufiinsaan marii taasisuu ibsaniiru.Hirmaattoonni waltajjichaa itti gaafatamummaan qaban olaanaa ta’uu beekuun xiyyeeffannaa olaanaan qooda fudhachuun milkaa’ina isaaf ashaaraa isaanii kaa’uu akka qaban dhaamaniiru.Leenjiin hubannoo uumuu kun guyyoota lamaaf kan itti fufu ta’a.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.