Kurmaana jalqabaa bara 2018’tti paaspoortii kumni 500 ol lammiileef kenname

Wait 5 sec.

Finfinee, Sadaasa 8, 2018 (FMC) – Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa hojimaata ammayyaa diriirsuun tajaajila kennaa jiru cimsee itti fufuu qaba jedhe Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa.Korechi karoora raawwii kurmaana jalqabaa bara baajataa 2018 Tajaajilichaa gamaaggameera.Daayrektarri Olaantuun Tajaajilichaa Salaamaawit Daawwit gabaasa dhiyeessaniin, kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti paaspoortiin kumni 500 fi kumni 45 fi 491 lammiileef kennamuu ibsan.Paaspoortiin Elektiroonikii (E-Passport) ammoo namoota kuma 14 fi 818 kennamuu eeran.Lammiileen biyya keessaafi alaa paaspoortiin seeraan alaa harkatti qabame seeraan gaafatamuus ibsaniiru.Lammiileen biyya keessaafi alaa sanada sobaa dhiyeessuun paaspoortii fudhachuuf yaalan 860 to’atamuun seeraan akka gaafataman taasifamuus yaadachiisaniiru.Hojii to’annoo naannawaa daangaatti hojjetameen lammiileen biyya keessaafi alaa kumni 16 fi 465 karaa seeraan alaa biyyaa bahuufi gara biyyaa seenuuf yaalan to’atamuus ibsaniiru.Dhaabbatichatti riifoormiin erga taasifamee as gaaffilee maamiltootaa guutuun paaspoortii karaa idileen baatiiwwan jaha keessatti kennamaa ture baatiiwwan lama keessatti kennuun akka danda’ame kaasaniiru.Qaamolee qooda fudhattootaa waliin ta’uun hojiileen al-seerummaa ittisuuf hojjetaman cimanii kan itti fufan ta’uus ibsaniiru.Walitti qabaa Itti aanaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa Faatiihi Mahiidiin gama isaaniin, tajaajilichi sirna hojimaata dijiitaalaa hordofuun tajaajila kennuu eegale cimsee itti fufuu qaba jedhan.Tajaajila si’ataa kennuuf dameelee isaa babal’isuu akkasumas hojiilee nageenyummaa dhaabbattummaa cimsuuf eegale itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.