Finfinnee, Sadaasa 10, 2018 (FMC) – Leenjiin ijaarsa dandeettii hoggansa paartii badhaadhinaaf kennamuu marsaa 2ffaan kennamuu eegaleera.Leenjichi mata duree “Ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin guddina dameelee” jedhuun kennamu akka Oromiyaa’atti guyyaa har’aa wiirtuulee leenjii jahatti kennmauu eegaleera.Paartiin Badhaadhinaa humna raawwachiistummaa hoggansaa gahoomeen bu’aa qabeessummaa ilaalamaa misooma qabatamaan mirkaneessuuf waggoottan darban keessatti mata dureewwan garaagaraa irratti leenjii dandeettii raawwachistummaa hoggansaa cimsu kennaa tureera.Tibba darbe leenjiin dandeettii raawwachiistummaa hoggansa olaanoof akka biyyaatti kennamaa kan ture yommuu ta’u, marsaa lammaaffaan akka Oromiyaatti guyyaa har‘aa wiirtuulee Adaamaa, Shaashamannee, Maayaa, Naqamtee, Bulee Horaa fi Jimmaatti jalqabee jira.Leenjichi cehumsa qonnaa, cehumsa baadiyaa fi caaseeffama diinagdee, guddina tuuriizimii, guddina Indaastrii oomishaarratti xiyyeeffateedha.Leenjichi hoggansa kuma 4 fi 400 oliif kan kennmau ta’uun ibsameera.kaayyoon leenjichaa, hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannaa Mootummaa dameelee kanaaf kennee irratti hubannoo walfakkaataa akka qabaatuufi imala olka’iinsa akka biyyaatti jalqabame karaa bu’aa qabeessa ta’een hogganuu akka danda’an taasisuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsaniiru.Akkasumas hoggansa gidduutti walitti dhufeenyaa fi tokkummaan ilaalchaa akka jabaatuufi dandeettii raawwachistummaa hoggansaa fooyyeessuuf ta’uu Paartiin Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.