Finfinnee, Sadaasa 13, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Turkiyyee Rasiip Xayib Erdoogaan waliin mari’ataniiru. Marii isaaniin dhimmoota adda addaa dinagdee, hariiroo michummaa aadaa, misooma waaraa, eegumsa qabeenyaa qilleensaa fi hojiiwwan biroo irratti karaa bu’a qabeessa ta’een mari’achuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ibsaniiru. #Oromia #Ethiopia