Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) –Godina Arsiitti facaasaan Qamadii jallisii bonee eegalame jedhe Waajjirri Qonnaa godinchaa.Bara kana lafa heektaara kuma 300 fi kuma 60 ol Qamadii jallisii boneen misoomsuuf facaasaan eegalamuu ibse.Aanaalee garaagaraa keessatti hanga ammaattis lafti heektaarri kuma 6 ol faca’uu Ittigaafatamaan Waajjira qonnaa godina Arsii obbo Ibraahim Qaasoo himaniiru.Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf sanyii filatamaa, paampiiwwanii fi galteewwan barbaachisan dhiyaachuu dubbatan.Hojii qonna jallisii bonee kanarraa callaan kuntaalli miiliyoonni 13.5 ni eegama jedhan.Faxxanaa Zawudeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.