Itiyoophiyaa misooma qonnaan fakkeenya Afrikaa taasisuuf hojjetaa jirra – Obbo Addisuu Araggaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa misooma qonnaa itti fufiinsa qabuun fakkeenya Afrikaa taasisuuf hojjetaa jirra jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.Inistiityuutii Tiraanisfoormeeshinii Itiyoophiyaan naannolee 9 keessatti hojiirra kan oolu waltajjiin sagantaa eegalchiisa boqonnaa 2ffaa Koomeershaalaayizeeshinii qonnaa gaggeeffamaa jira.Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf tattaaffiin godhamaa jiru bu’aa olaanaa galmeesseera jedhan obbo Addisuun saganticharratti ergaa dabarsaniin.Itiyoophiyaan ce’umsa damee qonnaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu, kalaqaan deeggaramee fi hojiilee hirmaachisaa ta’an raawwachaa jiraachuu kaasan.Sagantaan har’a ifoome kun tattaaffii birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf taasifamaa jiru caalmaatti kan tumsuudha jedhan.Koomeershaalaayizeeshiniin qonnaa boqonnaa 2ffaa kun qonnaan bultoonni miiliyoonni 6.5 fayyadamoo kan ta’an ta’uu himan.Ashannaafii Shibbiruutiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.