Faransaay misooma hawaasummaa Itiyoophiyaaf deeggarsa taasisftu cimsitee itti fufti- Ambaasaaddar Aleeksiis

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 10, 2018 (FMC) – Faransaay misooma hawaasummaa Itiyoophiyaaf deeggarsa taasisftu cimsitee itti fufti jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Ambaasaaddar Aleeksiis Laameex.Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aganyaaw Tashagaar Ambaasaaddar Aleeksiis waliin dhimmoota garaagaraa irratti mari’ataniiru.Afyaa’ichi wayita kanatti haasawa taasisaniin, hariiroon tarsimawaa Itiyoophiyaa fi Faransaay gidduu jiru cimee kan itti fufu ta’uu amantaa qaban ibsaniiru.Mootummaan Faransaay damee barnoota, fayyaa fi dippiloomaasiin Itiyoophiyaa waliin hariiroon qabu haala qabatamaa yeroo ammaa wajjiin wal simuu akka qabuu kaasaniiru.Ambaasaaddar Aleeksiis gamasaaniin, Itiyoophiyaan ummataafi mootummaa Faransaayiif michuu tarsiimawaa ta’uu eeraniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.