Finfinnee, Sadaasa 8, 2018 (FMC) – Fiigicha daandirraa dhuma torbee kanaa biyyoota adda addaatti fiiggamaniin Atileetootni Itiyoophiyaa injifatan.Fiigicha Maaraatoonii Chaayinaa Naanjiingitti dorgomame Atileet Mastaawat Fiqiruun sadarkaa 1ffaan xumurte.Atileet Mastaawaat fageenyicha sa’aatii 2:24.10’n xumuruun injifatte.Atileet Kumashii Sicaalaan ammoo sa’aatii 2:24.12’n xumuruun 2ffaa fi Atileet Anchaaleem Hayimanoot 2:24.43’n xumuruun 3ffaa bahaniiru.Dorgommii Atileetoota dhiiraa gidduutti gaggeeffameen ammoo Atileet Birhaane Tsaggaay sa’aatii 2:13:00’n xumuruun 3ffaa baheera.Fiigicha meetira kuma 15 dubartoota gidduutti Neezarlaanditti dorgomameen Atileet Asmaarech Annilayi daqiiqaa 47:05’n xumuruun yoo injifattu, Atileet Ayina addis Mabraatuun daqiiqaa 47:09’n xumuruun 3ffaa baate.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.