Finfinnee, Sadaasa 8, 2018 (FMC) – Ga’umsaa fi Dandeettii raawwachuu Itiyoophiyaa Inistiityuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaatti argeera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa Waajjira muummee bakka dura tureerraa gara handhuura magaalatti gamoo duraanii korpooreshinii Biroodkaastingii Itiyoophiyaatti jijjiireera.Namni mul’ata qulqulluu yoo qabaate, namuusa olaanaan yoo hojjete, waan arge hamma isaan milkeessuu akka danda’u Inistityuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaatti argeera jedhan.Wanti hundi lammiilee Itiyoophiyaan raawwatamaa waan jiraniif Itiyoophiyaan biyya raawwachuuf ga’umsaa fi dandeettii qabdu ta’uu hubanneerra jedhan ergaa dabarsaniin.Gamoowwanii fi iddooleen itti yaanne yoo hojjenne daraan hawwataa ta’uu akka danda’an agarsiiftuudha.Inistiityuutichi erga akka dhaabbataatti hundaa’e waggoota 5 ta’us, yeroo ammaa dhaabbata haala ajaa’ibsiisarratti argamuudha jedhan.Mul’annii fi namuusni wayita walitti dhufan wanta barbaadne uumuu akka dandeenyu dhaabbata mul’isuu danda’e ta’uu eeran.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.