Finfinnee, Sadaasa 8, 2018 (FMC) – Namoota dhibee Maarbargiin shakkamanii lubbuun darban 6 keessaa 3 dhibichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e jedhe Ministeerri Fayyaa.Sadaasa 3, 2018 Itiyoophiyaatti kan mul’ate Vaayisaasiin Heemoogiraafik Fiivar qorannoo gaggeeffameen Vaayirasii Maarbargi ta’uu mirkanaa’uun ni yaadatama.Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan dhibicha ilaalchisee ibsa kennaniin hanga ammaatti samuudaa namoota 17 irraa fudhatameen dhibichi namoota 3 irratti argamuu himan.Namoota 17 keessaa 6 lubbuun darbuu kan ibsan Dooktar Maqdas, namoonni 3 Vaayirasii Maarbargiin qabamuu isaanii mirkanaa’eera jedhan.Alemsaggid Asaayyeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.