Naannichatti sosochiin eegumsa biyyoo fi bishaanii eegalame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Amajji 7, 2018 (FMC) – Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti sosochiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bara kanaa Godina Hadiyyaatti eegalameera.Sosochiin kun bakka Pireezidaantiin naannichaa Dooktar Indaashaw Xaasew dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa biroon argamanitti eegalameera.Lafa hektaara kuma 200 fi kuma 90 fi 545 irratti hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjechuuf karoorfamuutu ibsame.Sululawwan kumni 1 fi 294 adda bahuu fi lammiileen miiliyoonni 1 fi kumni 900 duulicharratti ni hirmaatuun eegama.Malaakuu Gaddiftu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.