Finfinnee, Amajji 7, 2018 (FMC) – Ayyaanni Saboota, sablamootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sirna federaalaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.Kabajni guyyaa saboota, sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti kabajame milkiin akka xumuramu qaamolee gahee qaban hundaaf sagantaan beekamtii kennuu fi gamaaggamni raawwii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Sagantichi saboonni fi sablammoonni sirnaan akka walbaran gumaacha olaanaa taasisuu eeran obbo Aganyahu Tashaagar waltajjicharratti haasawa taasisaniin.Keessattuu guyyichi sirna Federaaliizimii bu’uura godhachuun akka kabajamu taasifamuun sirna Federaalaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuu dubbatan.Salamoon Bayyanaatiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.