Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakir Maayaardiit waliin mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakir Maayaardiit waliin mari’ataniiru.Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ergaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad irraa ergames Pirezidaantichaan gahaniiru.Qaamoleen lameen dhimmoota gamlameefi naannawaa irratti kan mari’atan yoo ta’u hariiroo qaban cimsuuf kutannoo qabaachuus ibsaniiru.Marii isaaniin tumsa diinagdee keessumaa tumsa daldalaa, invastimantiifi walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.Uummata biyyoota lameenii fayyadamoo kan taasisan dhiyeessii daandiifi humnaa irrattis xiyyeeffachuun mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa ni mul’isa.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.