Magaalichatti bakkeewwan ayyaanni Cuuphaa itti kabajaman duulaan qulqullaa’aan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Amajjii 8, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti bakkeewwan ayyaanni Cuuphaa fi Kataraa itti kabajaman duulaan qulqullaa’aniiru.Ayyaanni Cuuphaa haala duudhaa isaa eegeen akka kabajamu duulli qulqullinaa mata duree ‘Ayyaana Cuuphaa qulqullinaan’ jedhuun kutaalee magaalichaa garaagaraa keessatti gaggeeffameera.Haaluma kanaan Waldaan Dargaggoota Magaalaa Finfinnee Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii magaalichaa waliin ta’uu naannawaa Hurufa Boombii qulqulleessaniiru.Waldaaleen dargaggootaa kutaa magaalota hundaa, tola ooltoonnii fi kutaaleen hawaasaa saganticharratti hirmaataniiru.Dabalataan kutaalee magaalichaa hunda keessatti duulli qulqullinaa hoggantoota mootummaa, hojjettoota, abbootii amantaalee fi kutaalee hawaasaa hirmaachise gaggeeffameera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.