Finfinnee, Amajii 9, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti oppireeshinii gaggeeffameen Daldaltoonni meeshaalee ijaarsaa raabsan nagahee malee gurgurtaa raawwataa turan 11 to’atamaniiru.Guyyaa kaleessaa naannawaa Markaattoo(Agamsaa)tti oppireeshinii qindaa’aa gaggeeffameen qaamoleen nagahee malee gurgurtaa raawwatan kunneen to’annoo seeraa jala oolan jedhe Biiroon Galiiwwan Magaalaa Finfinnee.Abbootiin qabeenyaa kunneen gibira mootummaa waliin dhahuuf wayita nagahee malee gurgurtaa raawwatan harkaaf harkatti to’atamuu biirichi Faanaa Diijitaalitti himeera.Torbee lama duras Daldaltoota Gommaa fi meeshaalee Elektirooniksii irratti bobba’anii hojjetaa jiranirratti oppireeshinii tasaa gaggeeffameen namoonni nagahee malee gurgurtaa raawwatan 20 harkaa fi harkatti to’atamuun kan yaadatamuudha.Hojiin to’annoo fi hordoffii kun cimee kan itti fufu ta’uus biirichi ibseera.Hawaasni Daldalaa gurgurtaa kamiiyyuurratti nagahee akka fayyadaman hubachiiseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.