Finfinnee, Amajii 9, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaatti Mana Burumsaa aanaa Surmaatti ijaarame eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.Manni Barumsaa Waajjira Giiftii Dureen Ijaarame kun naannichatti guddina damee barnootaaf gumaacha olaanaa qabaachuu isaan har’a sirna dabarsaarratti argamuu kootti gammadeera jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.Manni Barumsichaa barattoota naannawichaaf mana barumsaa bultii ta’uun kan tajaajiluudha jedhan.Manni barumsichaa kutaalee barnootaa, kutaalee bultii, Kompiyuutaroota anniisaa aduun hojjetan, bool’a bishaan dhugaatii, kutaalee nyaanni itti bilchaatu, mana dubbisa kitaabaa fi gamoo bulchiinsaa kan hamate ta’uu eeran.Kunis barattoota naannawichaa akkaadaamikaalii ga’oomsuu fi nageenummaa isaanii mirkaneessuuf tilmaamamee kan hojjetameedha jedhan.Dhaabbata carraa hundagaleessa uumee ta’uu ibsan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.