Finfinnee, Amajii 8, 2018 (FMC) – Nageenyii fi tokkummaan dhaabbilee amantii utubaa ijaarsa mootummaa biyyaalessaa ti jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministirri waamamaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Beeljigee.Ministirichi kana kan dubbatan yaa’ii nageenyaa mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo waamteen walitti bu’iinsi Goofaa fi Baaskeetootti uumamee ture araaraan xumuramuu ilaalchisee ti. Itiyoophiyaatti nagaa waaraa buusuuf humna kan ta’an sirnoonni walitti bu’iinsa furuuf fayyadan jiraachuu dubbatanii, rakkoolee waggoottan darban naannichatti kuufaman ogummaan furuun nageenyi akka bu’uuf hojiin hojjetame fakkeenya ta’uu akka danda’us ibsaniiru. Pirezidaantiin Kibba Itiyoophiyaa Xilaahun Kabbadaa gama isaaniin naannoon haaraan kun fakkeenya nagaa, waldanfa’uu fi badhaadhinaa akka ta’uuf uummata bal’aa waliin hojiiwwan hedduun hojjetamuu dubbataniiru.Misoomaa fi guddinaaf nageenyi murteessaa ta’uu ibsanii, mo’ataa fi mo’atamaan utuu hin jiraatin hunduu walqixatti karaa nagaaf akka gumaachuuf hojjetameera jedhan.Mallasaa Taaddalaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia