Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif beekamtiin kenname

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Faanaa Miidiyaa Korporeeshin gahee wayita Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Idil-addunyaa Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffametti bahateef beekamtiin kennameefiira.Sagantaa beekamtii kennuu Inistiitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa qopheesserratti Faanaa Miidiyaa Korporeeshin itti gaafatamummaa biyyaalessaa bahateef badhaasa beekamtii addaa kennameef fudhateera.Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Goobazaay saganticharratti akka jedhanitti, miidiyaaleen Itiyoophiyaa haala gabaasaa baratamaa taatechi raawwate jedhu keessaa bahuun haalaan gabaasu ibsan.Imala guddinaa Itiyoophiyaas haalaan hubachiisuu kaasaniiru.Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa Dooktar Maandafroo Nigusee gamasaaniin, sababoota yaa’ichi milkaa’inaan akka xumuramu taasisan keessaa tokko miidiyaaleen hojii isaanii abbummaan waan hojjetaniifi jedhan.Saganticharratti miidiyaalee mootummaa fi dhuunfaaf beekamtiin kennameera.Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Idil-addunyaa Mootummoota Gamtoomanii Adoolessa 20-22, 2017 Finfinneetti gaggeeffamuun ni yaadatama.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.