Hojiin iddoowwan Masqallii fi Irreechi itti kabajaman mijeessuu fi qulqulleessuu hojjetamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 7, 2018 (FMC) – Hojiin iddoo Ayyaanonni Masqallii fi Irreechi itti kabajaman mijeessuu fi qulqulleessuu hojjetamaa jira jedhe Ejensiin Bulchiinsa Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee.Bulchiinsonni Magaalaa Finfinneefi Shaggar waliin ta’uun hirmaattota ayyaanichaa simachuuf qophii taasisuun eerameera.Daayrektarri Olaanaan Ejensichaa Gazzahaany Deessisaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, hojiin iddoowwan ayyaanonni kunneen itti kabajaman mijeessuufi qulqulleessuu eegalameera.Haaluma Kanaan Koreen Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Komishinii Hoggansa Ittisa Balaawwan Tasaafi Abiddaa, Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon keessatti hirmaatan hundaa’uun gara hojiitti galuu ibsaniiru.Hirmaattota ayyaanota kanneenii haala gaariin simachuuf qophiin taasifamaa jiraachuus kaasaniiru.Ayyaanonni kunneen erga xumuramaniin boodas iddoowwan kanneen qulqulleessuu fi sirreessuun qaama qophii kanaa taasifamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.Taarik Addunyaatu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.