Finfinnee, Fulbaana 12, 2018(FMC) – Ayyaanota bifa aadaa fi amantii eeggataniin kabajaman keessaa ayyaanni Masqalaa isa tokko.Ayyaanichi guutummaa biyyattiitti kan kabajamu ta’us, naannoolee haala hoo’a ta’een itti kabajaman keessaa naannoon Tigiraay isa tokko.Keessumaa baha Tigiraayitti, addumatti ammoo Addigiraat, Iroob, Gaantaa Afashuum, Subhaa Saa’isi’i fi Tsaa’idaa Inbaatti sirna aadaa adda ta’een kabajama.Gaafa jala bultii Daamaaraa nyaanni aadaa iddoolee kanneenitti beekamu ‘’Xihiloon’’ jedhamu dabalatee sirni marqaa, ‘Soolaa’ fi ‘Gi’izim’ fi kanneen biroo dhiyeessuu ni geggeeffama.Gaafa ayyaanichaa ’Sigaan’ fi marqaa Masqalaan kan qixxaatu akka hinjirre hawaasni ragaa ba’a.Guyyaa ayyaanichaa galgala xomboora qabachuun ‘’Hoyyaa Hoyyee’’ jechaa, hawwii gaarii ibsachaa, sirni ibsaa ibsuu jedhamuun beekamutu geggeefama; tapha aadaa fi ragadaanis ayyaanichaaf miidhagina addaatu kennama.Ayyaana Masqalaa Agaamee irratti foon bifa adda addaan qophaa’ee nyaatama.Sirnootaa fi goosoonni nyaataa ayyaanichi achitti ittiin kabajamu akka itti aanutti dhiyaataniiru.‘’Solaa’’n sirna nyaata aadaa qopheessuu yoo ta’u, aanaa Iroobirtti bifa addaan kabajama.Sirna kanaan foon hoolaa fi re’ee qalamee dhagaa filatamanii walitti qabamanii fi qoraan irratti boba’ee ho’ifaman irratti waadama.‘Gi’iizim’ ykn Afaan Saa’ootiin ‘Gi’idim’ kan jedhamu ammoo nyaata minyaawaa dhiirota qofaan qophaa’uu dha. Innis foon diimaan murmuramuun mar’immaan horii qalamee keessa galfamee kan ittiin bilcheeffamuu dha.Marqaan Masqalaas gosoota nyaataa guyyaa kanaaf qophaa’an keessaa ti. Irra jireessaan dubartootaa fi maanguddoota xomboora ibsuu hindeemnetu mana keessatti walitti qabamee qopheessa.Marqaan Masqalaa midhaan haaraa ooyirurra jiru haamamee dha’amuun kan irraa qophaa’uun adda ta’a.Kunis waggaa haaraa hafuuraa fi jireenyahaaraan eegaluuf yaaduurraa akka maddu himama.‘xihiilloo’ – Godina Bahaatti baay’inaan kan beekamuu fi nyaata baay’ee jaal’atamaa dha.Garbuun bishaan ho’aan dhiqamee aduutti gogfamuun xiqqoo akaa’amee erga daakamee gingilchaan soramee bishaan qabbanaa’aan hojjetamee kan dhiyaatuu dha.Xihiiloon ogummaan dubartii tokkoo kan ittiin madaalamu ta’ee ilaalama, keessummoota kabajaafis dhiyaata.Sirna xomboora ibsuu(Mi’ko’ash) sirni kun horiin nagaan gara bara haaraatti waan ce’aniif sirna galataa uumaaf dhiyaatu dha…xomborri qabsiifamee ‘’Houaa Hoyyee’’ jechaa imbiltaan dabaalamee abbootii amantaan, jaarsolii biyyaa fi dargaggootaan kan geggeeffamuu dha.Sirboota rakkinni ba’ee quufni akka galu hawwii jiru ibsantu sirbama.Sirni kun iddoowwan naannichaa hedduutti kan beekamu ta’ee horii hedduun bakka tokkotti walitti qabamuun abbootii amantiin eebbifamu.Feexoo fi Xabalatu itti facaafama. namnii fi horiinis hunduu dhadhaa dibamu.Walumaagalatti ayyaanni Masqalaa akkaataa aadaa uummata Agaammee fi Iroobiin sirna xomboora ibsuun, marqaa fi xihiiloo dubartootaan qophaa’uun, sirna Solaa fi Gi’iizim dhiirotaan qopheeffamuu fi daadhii fi farsoon dhuguun kan kabajamu, ayyaana bifa aadaa fi amantii of keessaa qabuu dha.Waggaa waggaan haala ho’aan kan kabajamu ayyaanni masqalaa hambaalee hafuuraa bara durii ta’ee akka hojiira ooluuf , indaastirii tuurizimiis akkka guddisuuf bifa ho’aan kabajamuu barbaachisa.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.