Finfinnee, Fulbaana 7, 2018(FMC) – Mootummaan Ida’amuu badhaadhinni Itiyoophiyaa hawwii qofa utuu hintaane kan danda’amu ta’uu kan argisiiseedha jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad eebba kitaaba “Mootummaa Ida’amuu’ irratti dubbii dubbataniin, kitaabichi imala kaleessaa Mootummaa Ida’amuu ilaaluun ga’umsa isaa ifatti kan kaa’e ta’uu ibsaniiru.Mootummaan Ida’amuu fedhii fi hawwii bira ce’uun karoorawwan yoom fi maal yoo milkeessine eessa ga’uu dandeenya jedhan ifatti kan mul’ise, badhadhinni hawwii qofa utuu hintaane akka danda’amu kan argisiisedha jedhan.Karoorawwan Mootummaa Badhaadhinaa hawwiin kan hafan utuu hintaane karaa badhaadhina Itiyoophiyaa waliigalaan mirkaneessuun yeroo kaa’ameef keessatti kan raawwataman ta’uu kaasaniiru.Ga’umsa raawwachiisuu keenya karaa hedduun milkeessineerras jechuun ibsan.Akka biyyaatti milkaa’inoonni Ashaaraa Magariisaan, Hidha Haaromsaa fi pirojektota gurguddoo biroon galmaa’an humna karoorsuu fi raawwachuu Mootummaa Badhaadhinaa addunyaatti kan mul’san ta’uu ibsaniiru.Ammarrattis pirojeektonni humnaa fi maallaqaa ofiin yeroo gabaabaa keessatti hojjetamaa jiran jiraachuu eeranii, pirojeektonni kunniin Itiyoophiyaan Afirikaanotaaf fakkeenya akka taatu kan dandessisaniidha jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.