Gareen Kubbaa Miillaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Waggaa 10 booda waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti ni beekama- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 7, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waggaa 10 booda Itiyoophiyaan Garee Kubbaa Miillaa Biyyaalessaa waltajjiiwwan kubbaa miillaa idil-addunyaarratti beekamtii qabu ni qabaatti jedhan.Kitaabni ‘Mootummaa Ida’amuu’ Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin barraa’e guyyaa kaleessaa eebbifameera.Dooktar Abiy Ahimad wayita kana akka jedhanitti, hojiileen garee kubbaa miillaa biyyattii waltajjiiwwan ardiifi idil-addunyaarratti bu’aa qabeessa isa taasisan hojjetamaa jiru.Waggoota lamaa fi sadii keessatti garee biyyaalessaa cimaa ijaaruun ulfaataa ta’us waggaa 10 booda waltajjiiwwan Afrikaafi idil-addunyaarratti garee kubbaa miillaa beekamaa ta’e dhugoomsuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.Kun hawwiin osoo hin taane hojiin kan ife ta’uu kaasanii, akka fakkeenyaatti magaalaa Finfinneetti isteediyeemiiwwan sadarkaa giddugaleessaa 100 ol ijaaramuu eeraniiru.Hojiileen kunneen guddina kubbaa miillaaf murteessaa ta’uu kan dubbatan Dooktar Abiy Ahimad, kana osoo hin hojjetiin foddaa televizhiinii ilaaluun gaabbuun qofti wanta jijjiiru akka hin qabne hubachiisaniiru.Hojiin har’aa egereef bu’uura ta’uu fi mootummaanis kana bu’uura godhachuun hojjechaa akka jiru ibsaniiru.Abeel Niwaayiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.