Hidhi Haaromsaa cichoominaa fi hafuura waltumsaan kan dhaabbate seenaa dhugaa uummattoota Itiyoophiyaati – obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 13, 2018 (FMC) – Eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun hiriira deggersaa fi gammachuu ibsannaa naannoo Sidaamaatti geggeeffame ilaalchisee Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniiru.Ergaa fuula miidiyaa Hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, beekumsaa fi falaasama lakkofsa baraan kan beekamu uummanni Sidaamaa xumuramuu Hidha Haaromsaa sirna isaa “Qeexaalaa” miidhagaa ta’een addabaabaayiitti ba’ee kabajuu ibsan.Hidhichi lagni Abbayyaa Irbaataa fi Ibsaa ta’e abdii misoomaa Itiyoophiyaanotaa akka dhugoomsuuf akka dhagaa kattaatti cichoominaa fi hafuura waltumsaan kan dhaabbate seenaa dhugaa uummattoota Itiyoophiyaa ta’uu eeran.Abbayyaan waggaa kuma booda biyya isaan kan walitti firoomse injifannoon Haaromsaa uummanni Sidaamaas karoora misooma biyyaa haamilee ni danda’amaatiin akka hojjetuuf carraa uumaaf jedhan.Hidhi Haaromsaa, siidaa aadaa biyyaan miidhagee Guubaa irra dhaabbate fi ashaaraa danda’uun keenya ittiin mirkanaa’eedha jechuunis ibsaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.