Deeggarsi Naannoon Giddugaleessaa Itiyoophiyaa agarsiise fedhii galmoota misoomaa biyyaalessaaf qabu mul’isa- Obbo Tamasgeen XurunaaFinfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa deeggarsi Naannoon Giddugaleessaa Itiyoophiyaa agarsiise fedhii galmoota misoomaa biyyaalessaaf qabu mul’isa jedhan.Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, naannichi xumuramuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun alaabaa misoomaa injifannoon mirmirseera jedhan.Hidhi Haaromsaa kan xumurame harka gamtaan hojjeteen, hojiilee dippiloomaasii bilchinaan hogganamaniin, qabeenya biyyaa ida’ameeniifi itti gaafatamummaa dhalootaan ta’uu eeran.Hiriirri deeggarsaa eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun guyyaa har’aa naannichatti gaggeeffames galmoota misoomaa biyyaalessaaf fedhii qabu mul’isa jechuun ibsaniiru.Guddina Itiyoophiyaaf copha dafqaa hanga dhiigaatti qabsaa’uu akkasumas dameewwan misoomaa biyyi barbaaddu hunda keessatti ejjennoo waloo dursa hiriiruu guyyaa har’aa hiriira deeggarsaan argineerra jedhan.Misoomni Hidha Haaromsaa fakkeenya godhate naannicharraa akka eegamus amantaa qabaachuu ibsaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.