Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Afaaritti gaggeeffama- Aadde Caaltuu Saanii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 9, 2018 (FMC) – Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffamaa jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.Fooramichaan magaaloonni muuxannoo isaanii kan itti waliif qoodan ta’uu dubbataniiru.Fooramii Magaalaa Samaraa Loogiyaatti geggeeffamurratti magaaloonni 150 ni hirmaatuun eegama jedhan.Magaalonni fooramicharratti hirmaatan hanga Fulbaana 30, 2018 galmaa’uun xumuruu akka qaban ibsaniiru.Magaalonni filannoowwan garaagaraan fooramicharratti dammaqinaan akka hirmaatan Aadde Caaltuun waamicha dhiyeessaniiru.Fooramichi Sadaaasa 6-10 2018tti kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.Salamoon Yittaayyewutu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.