Weellisaa Mahaammud Ahimad waancaafi kaabbaa kabajaa badhaafame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Dorgommii xumuraa moo’aa moo’attootaa marsaa 5ffaa Faanaa Laamroot irratti weellisaa Mahaammud Ahimadiif badhaasni waancaafi kaabbaa kabajaa kennameefiira.Dorgommii xumuraa moo’aa moo’attootaa marsaa 5ffaa Faanaa Laamroot haala ho’aa ta’een gaggeeffamerratti weellisaa Mahaammud Ahimad keessummaa kabajaa ta’uun argameera.Faanaa Miidiyaa Korporeeshin weellisicha waancaa fi kaabbaa kabajaa badhaaseera.Saganticharratti Mahaammud Ahimad ergaa dabarseen, dorgomtoonni namaaf ulfina kan kennanii fi hojii isaaniitti akka jabaatan hubachiiseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.