Hiriirri deeggarsa naannichatti gaggeeffame barri bayyanannaa hidda gadi fageeffachaa akka jiru agarsiisa – obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa hiriira deeggarsaa fi gammachuu har’a naannoo Kibba Itiyoophiyaatti gaggeeffame ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.Sabdaneessummaan kan faayamaanii fi gootonni misoomaa ummnni naannoo Kibba Itiyoophiyaa injifannoo hidha haaromsaa misooma biroon dabaluuf ka’aniiru jedhan obbo Tamasgeen Xurunaan.Ummatni Kibba Itiyoophiyaa ummata tumsaa fi mariin hojiilee misoomaa hojjetuudha jedhan ergaa isaaniin.Hiriirri deeggarsaa har’a naannichatti gaggeeffame barri bayyanannaa hidda gadi fageeffachaa akka jiru agarsiisa jechuun himan.Dhaadannoowwan ummanni hiriiricharratti dhageessise mootummaaf hojii manee dabalataa ta’uu hubanneerra jedhan.#Oromia #Ethiopia