Hidhi Haaromsaa injifannoo cululuqaa dhaloonni kun dafqa, dhiigaafi yaadaan qabsaa’ee injifateedha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 12, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Hidhi Haaromsaa injifannoo cululuqaa dhaloonni kun dafqa, dhiigaafi yaadaan qabsaa’ee injifateedha jedhan.Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, ashaaraan dhaloota duraanii hanga har’aatti kan miidhakse Harar, ashaaraa dhaloota har’aa kan ta’e eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun hiriira deeggarsaa gaggeessiteetti jedhan.Mallattoo danda’uu, bu’aa tumsaafi humna waloomaa Hidha Haaromsaan mul’ate naannolee akka Harar nageenyaafi wal kabajaan waliin jiraachuu bu’uura godhataniif sona guddaa kan dabaluudha jechuun ibsaniiru.Harar injifannoo misoomaa kan himtu qofa osoo hin taane qooddattuu ta’uu ishee hojiilee misoomaa eegalteen mul’isaa jirtis jedhaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.