CDC’n oomisha qorichaa Afrikaa guddisuuf deeggarsa Doolaara biiliyoona 3.2 ifoomse

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 12, 2018 (FMC) – Giddugalli Ittisaa fi To’annoo dhibee Afrikaa oomisha Talaallii fi qorichaa ardichaa guddisuuf deeggarsa Doolaara biiliyoona 3.2 ifoomseera.Doolaarri biiliyoonni 2 Baankii Afregziim, biiliyoonni 1.2 ammoo qindoomina Talaalliwwan Afrikaarraa kan argame ta’uu giddugalichatti qindeessaan oomishaalee biyya keessaa obbo Abbabaa Geetanuu ibsaniiru.Dhaabbileen qorichaalee fi talaalliii Oomishaan oomishaalee ugaalagaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa guutan akka oomishaniif deeggarsa taasifame ta’uu eeran.Dhiyeessa talaallii fi qorichaa Afrikaa guddisuuf kan gargaaru ta’uu dubbatan.Gatii qorichaalee fi gabaa tasgabbeessuuf shoora olaanaa qabaachuu himuu Ispuutinik gabaaseera.Miikiyaas Ayyalaatiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.