Finfinnee, Fulbaana 11, 2018 (FMC) – Eebbifamuun Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa mallattoo bayyanannaa Itiyoophiyaati jedhan Pireezidaantiin Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan.Eebbifamuu hidhichaa hordofee naannoo Afaar Samaraa Loogiyaatti hiriirri gammachuu fi deeggarsaa gaggeeffameera.Hidhichi gaabbii fi dhamaatii bara dheeraati jedhan Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan hiriiricharratti argamuun ergaa dabarsaniin.Miira tokkummaa, gootummaa fi ni danda’amaan hidha ijaarame ta’uu eeran.Meeshaalee ijaarsa seenessa walooti jedhan.Ammaan booda dhimmi ijoon karra galaanaa ta’uu dubbatan.Galaana diimaa deebisanii argachuun faayidaa Diinagdee fi Siyaasaa olaanaa qabaachuu kaasan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.