Finfinnee, Fulbaana 7, 2018 (FMC) – Kitaabonni Ida’amuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barraa’an arfan har’a kan murteessan, kaleessa waliin kan wal hin dhabne fi egereef daandii kan saaqanidha jedhan Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.Dooktar Fitsum Asaffaan sagantaa eebba kitaaba ‘Mootummaa Ida’amuu’ irratti xiinxala kitaabichaa dhiyeessaniiru.Xiinxala isaaniinis Kitaabonni Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffaman Ida’amuu, Daandii Ida’amuu, Dhaloota Ida’amuufi Mootummaan Ida’amuu wantoota Itiyoophiyaa barbaachisan adda baasanii kan kaa’an ta’uu ibsaniiru.Rakkoolee keessa darbinee fi keessa darbaa jirru sababoota isaanii waliin kan kaa’anidhas jedhan.Rakkoolee hedduun yaadota siyaasaa alarraa waraabaman akka jiranitti hojiirra oolchuuf wayita yaalaman kan uumaman ta’uu kitaabilee kanneen keessatti ibsamuu dubbataniiru.Kitaabileen kunneen bu’aa qabatamaa fiduu eeranii, bu’aaleen kunneen damee siyaasaanis ta’e diinagdeen qabatamaan kaa’amuu eeraniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.