Finfinnee, Fulbaana 9, 2018 (FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa dhiigaa fi dafqaa keenyaan kan milkeessine hambaa walooti jedhan Pireezidaantiin naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoon.Eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa hordofee Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaatti hiriirri gammachuu fi deeggarsaa gaggeeffamaa jira.Itiyoophiyaan dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun hojjechuu akka dandeessu addunyaatti agarsiifte jedhan Pireezidaantiin naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoon haasawa saganticharratti taasisaniin.Milkaa’inni hidhichaan argame mootummaan fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffi gochaa jiruuf dandeettii dabalataa ta’uu eeran.Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa dhiigaa fi dafqaa keenyaan kan milkeessine hambaa waloo fi mallattoo injifannooti jedhan.Tokkummaa sabdaneessummaa caalmaatti cimsuun rakkoolee bulchiinsa gaarii fi hanqinaalee misoomaa furuun xiyyeeffannoo yeroo itti aanuu ta’uu kaasan.Kana milkeessuufis tokkummaa fi cichoominaan hojjechuun murteessaa akka ta’e ibsan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.