Finfinnee, Mudde 4, 2018 (FMC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataatti manneen gandaa 106 namoota harka qalleeyyiif dabarfamuun kennamaniiru.Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa kutaa magaalichaatti manneen gandaa 106 namoota harka qalleeyyiif carraan dabarsanii kennuu ibsaniiru.Marii uummata waliin taasifneen eeruuwwan nuuf kennaman fayyadamuun hojii adda baasuu hojjenneen fayyadamummaa haqa qabeessa jiraattotaa mirkaneessuun namoota harka qalleeyyii dursi kennamuuf qabuuf dursa kennuun hojiin egeree abdiin akka ilaalan taasisu hojjetameera jedhan.Keessumaa namoonni Kutaa Magaalaa Araadaa naannawaa qarqara Laga Qurxummii irraa kaatan, sababa mormii qaama sadaffaan dhamaatiif saaxilamtanii turtan rakkicha hiiknee mana jireenyaa waan argattaniif baga gammaddan jedhaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.