Finfinnee, Mudde 6, 2018 (FMC)- Mootummaan gaaffii uummataa deebisaa Itiyoophiyaa badhaadhina hundagaleessaarraan ni gaha jedhe Paartiin Badhaadhinaa.Paartichi mariiwwan uummataa tibbana gaggeeffamaa ture ilaalchisee ibsa baaseen Paartiin Badhaadhinaa Uummata ni dhaggeeffata rakkoolee ni fura jechuun ibseera.Waltajjichi hanga ammaatti magaalota 24 keessatti gaggeeffamuu kaasuun, yeroo itti aanutti magaalotaa garaagaraafi gara baadiyyaattis kan gadi bu’uufi uummanni hundi qaama marii kanaa akka ta’u ibseera.Kaayyoowwan waltajjii kanaa waadaa paartichi uummataaf gale uummata qindeessuun fi fayyadamoo taasisuun dhugaa qabatamaan agarsiise uummata waliin gamaaggamuuf akka ta’eefi rakkoolee sababoota keessoofi alaan mul’atan dhaggeeffachuun furmaata kennuuf ta’uu eereera.Dhimmi waltajjiiwwan marii uummataa kanarratti bal’inaan ka’e uummanni hojii hojjetameef haalaan kan beeku ta’uufi kan galateeffatu ta’uu kan ibse Paartichi, waltajjiiwwan hundarratti hojiilee misoomaafi ijaarsa mootummaa waggoottan shananiifi torban darbanitti hojjetaman uummanni dinqisiifachuufi galateeffachuu kaaseera.Uummanni hojiilee dameewwan garaagaraafi bakkeewwan garaagaraatti hojjetaman akkasumas pirojektoota idileefi gurguddoo waggoottan shanan dhufanitti hojjetaman abdii guddaa akka itti uume agarsiiseera jedhe Paartichi ibsasaan.Waltajjiiwwan kanneeniin waggoottan shanan darbanitti dameewwan Siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi idil-addunyaan injifannoofi milkaa’inoonni hedduun akka galmaa’an uummanni kaaseera jedhe.Damee siyaasaan dirree siyaasaa bal’isuufi ammayyeessuuf hojiin hojjetame Siyaasni madaala tumsaafi dorgommii eege ijaaruuf qooda olaanaa bahachuu ibse.Haaluma Kanaan hoggansi paatilee dorgomtootaa 275 kanneen keessaa 7 sadarkaa Ministiraafi Ministir Deetaan itti gaafatamummaa mootummaa fudhachuun hojjechaa akka jiran eereera.Damee diinagdeen dameewwan hedduufi qaamolee qooda fudhattootaa hedduun riifoormii diinagdee mandhalee hogganuun oomishaafi oomishtummaarratti milkaa’inni olaanaan galmaa’uu ibseera.Damee hawaasummaan imaammanni namarratti xiyyeeffatu hojiirra oolfamuun hojiileen hedduun hojjetamuu yaadachiiseera.Gama hariiroo idil-addunyaanis adeemsa faayidaa biyyaalessaa bu’uura godhate, ija laafina keessaa baheefi ogummaafi ija jabina hordofeen qabeenya uumamaa keenya dabalatee gaaffii seena qabeessa gaaffii ulaa galaanaa keenya ajandaa addunyaa gochuun danda’ameera jedhe.Mootummaan injifannoowwan kanneniin osoo hin dagatiin fi ittiin hin booniin rakkooleefi komiiwwan uummata biraa ka’an waltajjiiwwan kanneen irratti akka ka’an taasisuu Paartichi ibseera.Adeemsi mootummaan gaaffileefi komiiwwan uummataa dhaggeeffachuuf adeeme uummattummaafi tajaajiltummaa isaa kan agarsiisu akka ta’e uummanni ragaa bahuu kaaseera.Uummattummaan mootummaafi hojiin uummata dhaggeeffachuu waggoottan walitti aanan darbaniif mul’achuu yaadachiisuun waltajjii uummataa yeroo ammaa gaggeeffamaa jirurratti hiikkaan addaa argameera jedhe.Hiikkaan addaa kun filannoo biyyaalessaa bara kana bilisa, haqa qabeessaa, amanamaafi hirmaachisaa ta’ee gaggeeffamuu fi ijaarsa sirna diimokiraasii akkasumas waggoota shanan itti aananiif deeggarsa fi qophaa’ummaa uummanni hoggansa Paartii Badhaadhinaaf qabu ta’uu ibseera.Mootummaan Ida’amuu mootummaa uummataa fedhii jijjiiramaa uummataan gara hoggansaatti dhufe ta’uu yaadachiisuun yeroo itti aanuttis qajeeltoo jijjiiramaa uummatarraa uummataaf, fi uummataan ta’een hoggansa isaa cimsee itti fufa jedhe.Yaadama Ida’amuun kan hogganamu Paartichiifi Mootummaan Ida’amuu fedhiifi abdii uummataa haarome kana akka imaanaa dabalataatti fudhachuun tattaaffii badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesseera.Mootummaafi Paartichi uummata dhaggeeffachaa fi gaaffii uummataaf deebii kennaa Itiyoophiyaa gara badhaadhina gama maraatti ni geessus jedheera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.