Finfinnee, Mudde 6, 2018 (FMC) – Galii daldala alaa beelladootarraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen.Dameewwan adda addaan Galii daldala alaa beelladootarraa argamu guddisuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbatan Dooktar Kaasahun.Qabeenya beelladootaa biyyattiin qabdu qulqullinaan oomishuun gabaa alaaf dhiyeessuun sharafa alaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.Itiyoophiyaan galiin damichaan argachaa jirtu qabeenya beelladaa qabduun yoo madaalame xiqqaa ta’uu eeruun, daldalli seeraan alaa galii damichaan argamurratti dhiibaa olaanaa uumuu himan.Rakkicha furuuf giddugala gabaa beelladootaa ammayyaa hedduminaan ijaaramaa akka jiru kaasan.Naannoo Oromiyaa, Somaalee fi Afaaritti giddugaloonni ijaaramaa jiran % 75 irra gahuu dubbachuun, baatiwwan lamaan itti aanan lama keessatti xumuruuf ni hojjetama jedhan.Adeemsa seeraan damichaan mul’atu qolachuuf bifa addaan hojjetamaa jiraachuu kaasan Dooktar Kaasahuun Goofeen.Malaakuu Gaddiftu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.