Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Mootummaan Ida’amuu qabeenya uumamaa naannawaa hunda jiru adda baasuun misoomsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjetaa jira jedhan Pireezidaantiin naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaan.Waltajjiiin marii Ummataa bakka hoggansi olaanaa Federaalaa, Naannoo fi kutaaleen hawaasaa argamanitti mata duree” Labsiiwwan Gubaa; Injifannowwan Mootummaa Ida’amuu” jedhuun Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.Hojiileen misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran caalmaatti akka babal’atu mootummaa waliin qindoominaan ni hojjenna jedhan jiraattoonni magaalaa Jigjigaa maricharratti hirmaatan.Jijjiiramaan booda naannichi hojiileen misoomaa fooyya’aan hojjetamuu kaasuun, caalmatti akka babal’atu gahee keenya ni baana jedhan.Hojiileen misoomaa hojjetamaniin daraan gammaduu eeruun, murannoo mootummaan agarsiiseef galateeffataniiru.Mootummaan Ida’amuu fayyadamuu ummataa caalmaatti mirkaneessuuf murannoon hojjetaa jira jedhan waltajjicha kan dursan Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaan.Mootummaan misooma hundagaleessa naannichaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu dubbatan.Ammaas gaaffilee misoomaa ummata biraa ka’u deebisuuf kan hojjetamu ta’uu mirkaneessuu TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.