Finfinnee, Mudde 6, 2018 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti Fooramiin Tuurizimii gaggeeffamuu eegaleera.Fooramiin qopheessummaa Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinneen qindaa’e kun isa jaqabaati jedhame.Fooramichi walitti hidhamiinsa damichaa cimsuuf, sosochii Hoteelaa fi tuurizimii dadamqsuufi yaadota galtee imaammataaf ooluu walitti qabuuf kan kayyeeffate ta’uun ibsameera.Sirna baniinsaarratti pilaatfoormiin Diijitaalaa komishinichi magaalaa Finfinnee beeksisuuf kalaqeefi kalaqe kan ifoome yoo ta’u agarsifni tuurizimiis dhiyaateera.Pilaatfoormiin ifoome kunis ‘ Visit Addis Ababa “ kan jedhu yoo ta’u, bakkeewwan hawwata tuurizimii magaalichaa daawwattootaaf kan eeru akkasumas eenyu essaafi hoteela kam keessa akka jiru hordofuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.Akkasumas bu’uuraalee misoomaa magaalichatti ijaaramaniifi bakkeewwan hawwata tuurizimii hawaasaaf hubannoo uumuuf akkasumas tuurizimii Ispoortii guddisuuf kan gargaaruu ta’uun eerameera.Fooramicharratti Afyaa’ii Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadiir dabalatee hoggantoonni olaanoo magaalichaa biroon argamaniiru.Beetaliheem Maku’anintitu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.