Paartiin Simrat Filannoo Biyyaalessaa 7ffaarratti hirmaachuuf qophii taasisaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 6, 2018 (FMC)-Paartiin Dimookiraatawaa Tigraay (Simrat Paartiin) Filannoo biyyaalessaa 7ffaarratti hirmaachuu qophii taasisaan jira jedhe.Paartichi beekamtii seeraa qabeessa Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa argateen walga’ii jalqabaa gaggeesseera.Waltajjicharratti Paartichi hojiilee baatiwwan jahan darban hojjete gamaaggamuun ajandaalee garaagaraarratti kan mari’atu ta’uu Miseensi Koree Hoji raawwachiistuu paartiichaa fi Hogganaan Miidiyaa fi Kominikeeshinii obbo Birhaan Gabra yesuus dubbataniiru.Qophii haalduree filannoo biyyaalessaa 7ffaan ajandaalee qabaman keessaa tokko ta’uu kaasaniiru.Haaluma kanaan kaadhimamtoota filannoo irratti hirmaatan filachuufi duula filannoo geggeessuuf qophaa’uu kaasaniiru.Naannoo Tigraay keessaa rakkoon nageenyaa jiraatuus ummanni qaama na hoggana jedhe karaa nagaan akka filatu Paartichi gahee isaa ni bahata jedhan.Natsaannat Tsaggaayiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.