Finfinnee, Mudde 19, 2018 (FMC) – Ayyaanni bara haaraa ummata Halaabaa seeraan mata duree ‘ayyaanni seeraa agarsiiftuu sabdaneessaa fi waldanda’uuti’ jedhuun Magaalaa Finfinneetti kabajameera.Seeraan Mallattoo eenyummaa, tokkummaa fi waldanda’uuti jedhan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hiikmaa Keyraddiin.Ayyaanichi ayyaana bara haaraa qofa osoo hin taane mallattoo ciminaa, tokkummaa fi abdiiti jedhan.Duudhaa fi aadaan Seeraa hariiroo hawaasummaa cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeran.Sirni cufiinsa kabaja ayyaanichaa Amajjii 3, 2018 Godina Halaabaatti kan kabajamu ta’uutu ibsame.Heenook Lammeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.