Finfinne, Mudde 18, 2018 (FMC) – Bara kana hanga xumura baatii Eblaatti Masoob tajaajila giddugala tokkoo dabalataa 79 banuuf karoorfamee hojjetamaa jira.Komiishineerri Komiishinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Haayilee Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, yeroo ammaa Masoob Tajaajilli Giddugala Tokkoo Magaalota naannooleetti sadarkaa isaanii eeggatan ijaaramanii hojiitti galaa jiru jedhan.Bara kana hanga xumura baatii Eebilaatti ammo giddugaleeyyii dabalataa 79 banuuf akka karoorfame dubbatan.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad magaalota kantiibaan bulan keessatti yoo xiqqate tajaajilli giddugala tokkoo akka banamu qajerlfama kennuu isaaniis yaadachiisaniiru.Magaalota 250 keessatti giddugaleeyyii kanneen banuuf karoorfameeras jedhan.Hanga xumura bara baajetaa kanaatti karooricha milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsanii, hojiin giddugaleeyyii kanneen baballisuu cimee itti fufuu eenaniiru. Tajaajilli kun haala tajaajilli tuttuqaa harkaa irraa bilisa ta’e itti kennamu kan uumu, akkasumas odeeffannoo kaffaltiiwwan tajaajiloota kennamaniif Kaffalaman, yeroon fudhatamu, eessatti fi sadarkaa kamiin akka kennaman ibsu marsariitiin akka fe’amu ibsaniiru.Sa’aatiin abbaan dhimmaa tajaajila argatee hanga ba’utti fudhatu hundi akka galmaa’u fi akka hordofamu kaasaniiru.Tajaajilichi tekinooloojiin kan deggerame waan ta’eef itti quufinsa maamilaa kan uumee fi malaammaltummaa ittisuuf bu’aa guddaa buusaa akka jiru ibsaniiru.Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.