Fedhiin gabaan Chaayinaa buna Itiyoophiyaaf qabu guddachaa dhufeera – Abbaa Taayitichaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 19, 2018 (FMC) – Chaayinaa Magaalaa Juujootti sagantaan ‘Buna Itiyoophiyaa dhandhamaa’ jedhu gaggeeffameera.Fedhiin gabaan Chaayinaa buna Itiyoophiyaaf qabu guddachaa dhufuun Itiyoophiyaaf carraa guddaadha jedhan Daayrekterri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Dooktar Addunyaa Dabalaan.Sagantaan dhandhamaa fi Konfiraansiin Bunaa Chaayinaatti gaggeeffamaa jiru Buna Itiyoophiyaa caalmaatti kan beeksisuu fi al ergii Bunaa kan guddisuudha jedhan.Kunis hariiroon Itiyoophiyaa fi Chaayinaa guddachaa jiraachuu agarsiiftuu ta’uu dubbatan.Chaayinaan bakka ga’umsa Buna Itiyoophiyaa ta’aa dhufuu eeruun, waggoota shan dura Buna Itiyoophiyaa bituun sadarkaa 33ffaarra kan turte Chaayinaan yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa 4ffaatti guddachuu himan Dooktar Addunyaan.Gabaan Bunaa hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsaa dhufuu Chaayinaatti Ambaadaaddarri Itiyoophiyaa Tafarraa Darriboon eeraniiru.Chaayinaan sassaabbii Oomishaa, kuusaa fi raabsaarratti Itiyoophiyaa waliin tumsaan akka hojjettu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Ifaa Muul’ataan waamicha dhiyeessaniiru.Bunni Itiyoophiyaaf oomisha qofa osoo hin taane duudhaa fi aadaa ta’uu isaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf qooda qabaachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Tasfahuun Gobazaay ibsuu TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.