Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waliin mari’ataniiru.Ministirri MMuummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Pirezidaantii keeniyaa daawwannaa hojii guyyaa tokkoof dhufan simadheera jedhan.Daawwannaan isaanii hariiroo cimaa, seena qabeessaafi obbolummaa biyyoota lameenii kan calaqqisiisu ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.Mariisaaniin haala hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti akkasumas dhimmoota nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti mari’achuu eeruun, kunis ejjennoo waloo cimaa nageenyaafi tasgabbii, mariifi furmaatawwan qajeeltoo Afrikaa irratti qabnu kan agarsiisudha jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.