Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC)- Sirni Awwalchaa Hojii Raawwachiisaa itti aanaa Korpooreeshinii Biroodkaasti Itiyoophiyaa (EBC) kan turan Obbo Abdurrahmaan Ruubee raawwwateera.Obbo Abdurrahmaan dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun guyyaa har’aa du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.Obbo Abdurrahmaan sadarkaa riipoortaraa hanga itti aanaa hojii raawwachiisaatti dhaabbiilee Miidiyaa garaagaraa keessatti tajaajilaniiru.Keessattuu OBN fi EBC tti riipoortaraa hanga hoggansaatti tajaajilaniiru.Obbo Abdurrahmaan Abbaa ijoollee sadii turan.Guyyaa har’aa Sirni awwalcha isaanii bakka awwalcha Muslimootaa Kolfeetti raawwatameera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.