Itiyoophiyaan Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n gara ol kaa’iinsatti ceeti – obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n gara dorgommii ol kaa’iinsa seena qabeessaa fi idil addunyaa ta’etti ceeti jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.Obbo Tamasgeen Xurunaan cufiinsa boqonnaa Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 fi jalqabsiisa diijitaal Itiyoophiyaa 2030 irratti argamuun ergaa dabarsaniiru.Diijitaal Itiyoophiyaa 2025’n bu’aa bal’aan argamuu eeruun, hojiileen bu’uuraalee misoomaarratti hojjetaman kanneen akka fakkeenyaatti fudhataman ta’uu kaasan.Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf adeemsa kalaqaa fi saffisaan deeggameen hojjechuun murteessaa ta’uu ibsan.Leyikuun Alemtu gabaase#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.