Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC) – Baankiin Siinqee qoricha Waanjoo hiyyummaati jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.Baankiin Siinqee yaa’ii waliigalaa idilee 6ffaa’fi ariifachiisaa 2ffaa guyyaa har’aa gaggeessen murteewwan ijoo garagaraa galmoota isaa milkeessuuf barbaachisan dabarseera.Pireezidaantiin Mootummaa Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan yaa’icha ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.Siinqee Group — Qoricha Waanjoo HiyyummaaBaankiin Siinqee yaa’ii waliigalaa idilee 6ffaa’fi ariifachiisaa 2ffaa guyyaa har’aa gaggeessen murteewwan ijoo garagaraa galmoota isaa milkeessuuf barbaachisan dabarseera.Murtoowwan guyyaa har’aa darban, adeemsa baankichaa galmoota kilaastara faayinaansii Oromiyaa Sovereen Fundiin kaa’aman waliin walsimsiisuu kan bu’uureffatanidha.Bu’uuruma kanaan, kaappitaalli baankichaa mallatteffame bir. bil. 15 irraa gara bil. 75’tti akka guddatu ta’eera. Murteen kaappitaala baankichaa mallattaa’e sadarkaa kanaatti guddisuuf kenname hiikaa dinagdeefi tarsiimoo olaanaa kan qabuudha. Muraasa kaasuuf, dandeettii dhiyeessii liqii amma qabu dachaa hedduun kan guddisu; pirojektoota biyyoolessaa gurguddoo faayinaansi gochuuf kan dandeessisu; akkasumas dhaabbilee maayikiroofi xixiqqaa “start-up” carraa hojii umuu danda’an misoomsuuf kan gargaarudha. Gama birootiin filannoowwan liqii armaan dura dhiyeessaa ture daneessuun dhaqabummaafi hammattummaa akkasumas dorgomummaa damee faayinaansii biyyattii keessatti qabu guddisuuf kan gargaarudha.Kana malees, dandeettii sharafa alaa qabu (open position) guddisuun shoora daldala al-ergiifi al-galchii keessatti bahatu daran nicimsa. Akkasumas tattaaffii baankichi baankota korrespondantii biyya alaa adda addaa waliin tumsa cimsuun tajaajila isaa babaldhisuuf taasisu daran kan jabeessudha. Murtoon kun adeemsa ce’uumsa dijiitaalomsuu baankichi taasisaa jiru ariifachiisuun humna hojjetaa beekumsaafi dandeettii ogummaa olaanaa qabu akka horatu nitaasisa. Baankiin Siinqee gama sirna isaa dijiitaalomsuutiin gulantaa biraatti ce’aa kan jiru yoota’u, ‘Wabii Dijiital’ akka agarsiiftutti kaasuu dandeenya.Bankichi jijjiiramaa as warraaqsa dinagdee ummata keenyaa utubuuf kan hundaa’e yoota’u, hanga yoonaa gama tokkoon sharafa alaafi liqaa mijeessuun tiraakteroota, paampiiwwanifi kombaayinaroota galchuuf ummata deeggaraa kan jiruudha; gama birootiin qoteefi horsiisee bultoota akkasumas hoji-dhabdootaaf liqii mijeessuun akka hojii invastimeentii keessatti hirmaataniif haala mijeessuu irratti argama.Kanaanis Baankiin Siinqee, aadaa qusannaa jijjiiruu, dhiyeessii (liqeeffattoota hedduu bira gahuu)’fi hammatummaa faayinaansitiin sirna baankii daldala biyya keenyaa keessatti adda durummaan kan dhaabbatuudha. Warraaqsa dinagdee ummata Oromoo keessattis shoora ol’aanaa taphataa jira.Walumaagalatti, Baankiin Siinqee xiyyeeffannoo addaa kennameen hundaa’ee waggoota sadifi walakkaa keessatti sadarkaa 29ffaa irraa gara 5ffaatti dhufuu danda’eera. Milkaa’ina kana dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa maamiltoonni, hojjettoonni, hoggansiifi boordiin baankichaa bahataniif, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada. Yeroo dhufuttis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa baankii adda duree ta’ee akka bahu gama hundaan waliin kan dhaabbatu ta’uu asumaan kanin mirkaneessu ta’a. Akkasumas, Baankii Siinqee cinaatti ’Siinqee Lease’, ‘Siinqee Investment Bank’fi ‘Siinqee Insurance’ gaaddisa ‘Siinqee Group’ jalatti ijaaraman babaldhisuun galmoota dinagdee ummata naannichaa kan milkeessu ta’a.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.