Finfinnee, Mudde 17, 2018 (FMC) – Waldorgommiin madaallii giddu gala leenjii Ispoortii Oromiyaa marsaan jalqabaa kan bara 2018 eegaleera.Waldorgommii kanarratti giddu galoonni Leenjii, Inistitiyuutii leenjiifi qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu, buufata leenjii Boqojjii, Amboo Gool Fifaafi gidduu galli leenjii atileetiksii hirmaataa jiru.Sirna baniinsaa waldorgommii kanarratti kan argaman hooggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa Ispoorteessitoota ciccimoo biyya bakka bu’an horachuuf ispoorteessitoonni giddu gala leenjii keessa jiran madaallii keessa darbuun murteessaa tahuu himuun gidduu galoota leenjisa jiran ciminaafi laafina qaban adda baasuun irratti kan hojjatamu ta’uu dubbatan.Madaalliin leenjii gahumsaa kun gosoota ispoortii kubbaa miilaa, Atileetiksii, kubbaa Saaphanaa, Bunyaan kan gaggeeffamu ta’a.Walumaagalati isporteessitoonni 330 leenjii kana keessa ni darbu.Madaalliin gaggeeffamuus madaallii waldorgommiifi gahumsaa qaamaa ta’uu Daayrekterri Kominikeeshinii biirichaa obbo Rabbiyyuu Tamaam Faanaa Diijitaalitti himaniiru.Sirna baniinsaa kanarratti hoggantuu Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa, hoogganaa itti aanaa biirichaa obbo Dassaalany Xilaahuunifi gorsaan obbo Fissaaha G/Mikaa’eel akkasumaas hoggantoonni biroo argamaniiru.Siifan Magarsaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.